Murtii Biyyatti Deebi’uu Jawaar Ilaalchisee Ummanni Oromoo Maal Jedha? Bu’aa Qorannoo!

Daayrektarri OMN, xiinxalaa siyaasaafii falmataan mirga dhala namaa kan ta’e Obboo Jawaar Muhaammd, dhuma baatii Waxabajjii walgahii magaalaa Fraankfart, Jarmaniitti gaggeeffamerratti baatii Adoolessaa gara jalqabaatti gara biyyaa akka imalu ifa taasiseera. Sana boodas ibsa BBC Afaan Oromoofi BBC Afaan Amaariffaatiif kenneen murteen isaa qabsoon keenya of dura akka tarkaanfachiisuuf akka fayyadu ammaan achis ala taa’anii bu’aa dhufurra qaamaan biyya keessatti argamanii ummataan waliin hojjachuutu barbaachisaadha jedheera. Sababa kanaafis gara biyyaa galuudhaan hojiiwwan ceehumsa gara sirna dimokraasiitiif godhaman saffisiisuuf gahee ofii akka bahatu akkasumas tumsa akka godhu dubbatee jira. 

Murtee isaa kanaan wal qabatee miirri ummataa eddoo lamatti qoqqodameera. Namootni hedduun murtee isaa kana gammachuudhaan fudhatanis murteen isaa murtee dogongoraafii ariifataa akka tahe kan dubbatanis laayyoo miti. Bu’uuruma kanaan miirafi yaada ummataa bifa qabatamaa taheen madaaluuf qorannaan gara fuula feesbuukii Hawi Anoletiin ( https://www.facebook.com/hiwielona, maxxansa  waxabajjii 30/2018) gaggeeffamee ture. Qorannaa kanaaf gaafiin lama kan dhiyaate yommuu ta’u inni jalqabaa murtee isaa ni deeggartumoo ni mormitu? kan jedhu yommuu ta’u inni lammataa immoo mormiinsa yookiin deeggarsa keessaniif sababa keessan ibsadhaa kan jedhuudha. Bifuma kanaan qorannichi torban tokkoof; Sanbata Xinnaa Waxabajjii 30/2018 irraa kaasee – Jimaata Adooleesa 6/2018tiitti torbee tokkoof kan ture yommuu ta’u walumaagalatti namoonni 1175 sagalee isaanii kennaniiru. Haaluma kanaan namootni 649 ta’an (  55% )  murtee isaa kana akka deeggaran kan dubbatan yoo ta’u namoonni 526 ( 45% ) murtee isaa akka morman sagalee isaanii kennaniiru. 

Namootni murtee isaanii deeggaruudhaan sagalee kennatan sababni ijoon isaan lafa kaa’an yeroo biyyattiin ceehumsa gara dimokraasii taasisaa jirtu kanatti Jawaar gara biyyaa deebi’uun tumsa guddaa kan kennu tahuu isaa dubbatan. Namoonni kunneen itti dabalaniis, qabsoon aarsaa gaafata, aarsaa kanammoo ummata ofii waliin qabsaa’aa kanfaluun barbaachisaadhas jedhan. Qeerroof Uummanni Biyyaa Jawaar qaamaan argatachuun isaaniis kennaa guddaadha jechuudhaan dhufiinsa isaa miira gammachuutiin kan eegan tahuu dubbatan.

Kanneen murtee isaa deeggaran keessaa tokko kan ta’e Olbirat Kankoo akkana jedha     ‘Jawaar qabsoo oromoo keessatti bakka ol’aanaa qaba. Abbaa fi hoogganaa qeerroo keenyaatis jechuun ni danda’ama. Amma wanti hubatamuu malu yeroon yeroo ida’amuuti. Qabsoo n ummata Oromoo ni jalqabame malee hin goolabamne. Ani akka yaada kootti yoo biyya gale qabsoo godhamuuf itti dhiyeenyaan yoo itti hirmaate caalaa bu’aa fida jedheen yaada. Sodaan hin barbaachisu qabsoon gaggeessuun bakka mijataa keessa ta’uun qofa miti bakka wareegama barbaadu keessa taa’aniis qabsaa’uun barbaachisaadha. Baay’een qabsaa’ota Oromoo keenyaas wareegama hanga lubbuutti kaffaluun akkasumas kaffaluuf of kennuun bu’aan qabsoon keenya har’a irra jirtu kan argame.’ jedha. Haaluma walfakkaatuun Amin Abdulkariim yoo dubbatu ‘ Nageenyi dhuunfaa isaa siriitti itti yaadamnaan dhufuun isaa rakkoo tokkos hin qabu. Yeroo ammaa kana jarattin gara sadarkaa shororkeessummaatti gadi buutee jirti waan ta’eef eeggumsi cimaan isa barbaachisa. Kuni ta’uu baannaan akka sabaatti gatii guddaa akka nu kanfalchiisu beeknee itti yaaduu qabna jechuudhaan dubbata. 

Kanneen morman keessaa tokko kan ta’a Abdi Sabaa akkana jedhuun maalif akka morme dubbata  ‘ Galuu isaa hin jibbinu nama oromoo ta’e dhiisii saboonni cunqurfamoon biyya kanaa hundi itti gammadu jedhee yaada haa ta’uutii Jawaar abbaa qabsoo oromoo dhaloota qubeeti kanaaf haalli amma biyya keeysatti ta’aa jiruun wal qabatee eeggumsa Dr Abiyyiif taasifamuu olitti eeggumsi cimaan godhamuufii qaba yaada jedhu qaba. Jarattiin biyya tana dachee jeequmsaa gochuu barbaaddi waan ta’eef isarratti rakkoo takka dhaqqabsiifnaan fedhiin isaanii guuttameef jedhee yaada. Kanaaf waan isa dhabuu hin barbaanneef hanga waraabeyyiin guyyaa kunneen fala tokko argatanitti qofaa osoo turee gaariidha jedheen yaada.’ 

Adam Kede gama isaatiin yoo dubbatu ‘ Ani murtee isaa kana hin deeggaru. Sababni isaas yeroon amma keessa jirru yeroo cehumsa gara Dimokraasii, Nageenyaa, Tokkummaa fi Jaalalaati. Haa ta’u malee wantootni kunneen hundi isaanii waan lafa hin qabatinif ammatti dhufuun isaa murtee sirrii miti. Jawaar gara biyyaa dhufuu isaatiin dura jalqaba cehumsa kana keessaa haa baanu’ jechuudhaan dubbata. Booranaafi Baareentuun gama isaatiin yommuu dubbatu ‘ Ani adeemsa amma deemamaa jiru kana ija shakkiitinan ilaalaa jira. Tooftaa qabsa’oota Oromoo ittiin mooraatti galchanii tooftaa fi daangaa qabsoo isaa ittiin to’achuuf yaadame ta’innaa laata isa jedhutu na yaaddessa. Heera mootummaa amma jiru osoo irraa hinsharafamin hojii irra oolee murtiin sagalee ummataa kan kabajamu yoo ta’e gaaridha. Yoo kun hinta’in hafe garuu bu’uura qabsoo Oromoo bakka hedduutti ijaaramaa jiru diiguun ummata keenyaaf kasaaraadha. Kanaaf shakkuun gaariidha. Siyaasa miiraan qofa osoo hintaanee shallaggii fi xiinxala jabaa fi walxaxaa barbaada. Keessattu siyaasi Afrikaa kan dhugaaf dhaabbachuu hindandeenye waan ta’eef waan hunda amanuun rakkisaadha.’ jedha.

Walumagalatti bu’aan qorannoo kana irraa argame akka addessuutti irra hedduun namaa murtee Jawaar Muhaammad sagalee 55%nin kan deeggaran yommuu ta’u kanneen morman 45% ta’u. Haa ta’u malee kanneen murtee isaa deeggaranis ta’ee morman galuu isaatiin walqabatee yaaddoo mataa isaanii akka qaban addeessaaniiru. Namoonni murtee isaa deeggaran hedduun isaanii inni gara biyyaa galuun qabsoo bilisummaa Oromoo kan cimsuufii ceehumsa gara sirna dimokraasiitti godhamu kan saffisiisu akka ta’etti amanu. Kanneen murtee isaa morman hedduun isaaniis galuu isaa jibbuu osoo hin ta’in haalli nageenyaaf tasgabbii biyyattii amansiisaa waan hin ta’iniif, ceehumsi gara sirna dimokraasiitti godhamaa jiru xaxaafi gufuuwwan hedduun kan guutame waan ta’eef jidduu kana keessa dhufuu isaatiin walqabatee rakkoon isarra gahu kamiyyuu qabsoo keenya keessatti miidhaan inni fidu ol’aanaadha yaada jedhu irraayi. Yaadi ummataa kun akkuma jirutti ta’ee Jawaar Muhaammad murtee isaatiin itti fufee gara biyyaa ni galamoo hin galu? Yoo gales faaydaan inni qabuufii miidhaan inni qabu maali waan jedhu kan walumaan ilaallu ta’a.

  • Maqaaleen asii olitti eeraman hundi isaaniituu maqaa Marsaa Hawaasaa Irratti

          Faaydaarra Oolaniidha!

 

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s