Qabsoon Keenya Garamitti Imalaa Jira? Hawi Anoletiin

IMG_0486

Manni maree bakka bu’oota uummataa walgahii dheengadda taa’een labsii yeroo muddamaa labsuusaa mootummaan gabaasus haqni mul’ate garuu faallaa sanaa ture. Afa yaa’iin mana marichaa Abbaa Duulaa Gammadaa aantummaa garee bicuu wayyaaneetiif agarsiisudhaan ofiifis labsii kana deeggaruurras dabree sagalee uummataa ifaan ifatti hatuuf hammam akka ifaaje adduunyaan guutuun argeera. Hanni harka bare kanan ala hin hojjatu. Kaleessa gaafa filannoo biyyoolessaatiif dorgomus eddoo injifatametti korojoo hatee, lubbuu namaas galaafachiisee akka achi gahe wallaalamee miti.

Sagaleen mana marichaatti argame harka 2/3 heera biyyattiitiin barbaadamuu gadi tahus aangawoonni hoomaa waraana biyyattiitiifi humni bicuun Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay labsicha gara hojiitti geeddaruuf sardamaa jiru. Yakka Ajjeechaa raawwachuus gara Oromiyaa Lixaatiin eegalanii jiru. Sardamni isaanirraa mul’atu dheebuu aangoof too’annaa biyyaa guutumaan guututti harka isaanii ture deeffatanii harkatti galfachuudha. Oromiyaa lammiilee qaqqaalii isheetiin harka diinaa jalaa bahaa jirtu cabsanii ofduuba deebisuudha. Kaayyoof akeekni isaanii hoggansa jijjiiramaa jedhamuun aantummaa uummataa argachuuf socho’aa jiru diiganii hoggansa haaraa isa akka kaleessaa gadi jedhee uummata ajjeesisiisu deebisanii ijaarudha.

DHDUO erga gara jijjiiramaatti galee as wantoota hedduu dhugoomsudhaan uummatatti kaleenya isaa agarsiisuuf yaaleera. Aangawoonni ol’aanoon dhaabichaas yeroo garagaraatti ifatti bahanii aantummaa uummataaf qabaniifi deeggarsa qabsoo uummataatiif qaban ibsaniiru. Bifaafi haala miira uummataa eegeen qabsoo uummataa qixa tarkaanfachuuf yaaliis godhaniiru. Kunimmoo garaagarummaan uummataafi aangawoota dhaabaa jidduu jiru akka dhiphatuufi miirri tokkummaa uummataa akka daran dabalu, kutannaan uummataas yeroo kamiyyuu caalaa akka dagaaguuf daran karaa bane. Haa ta’u malee akkuma irra deddeebi’amee himamaa ture erga koreen hojii raawwachiistuu ADWUI guyyoota 17f walgahee kaasee miirrifi si’aa’inni aangawoonni DHWUO agarsiisaa turan laaffachaa dhufe. Adeemsi isaan qabsoo uummataa qixa tarkaanfachuuf godha turan daran gadi bu’uunsaas mul’ate. Namoonnumti guyyaa guyyaadhaan haala yeroofi ejjannoo mootummaa naannoo Oromiyaa uummataaf ibsaa turanis hafuurri isaanii adda ciccituu eegale.

Mucucaatinsa Abbaa Duulaa Gammadaa

Abbaa Duulaa Gammadaa Aangawoota DHDUO keessaa isa gameeyyidha. Hundeeffama dhaabaa irraa eegalee hamma har’aatti waan gaariis waan hamaas hedduu hojjatee jira. Dhiheenya kana osoon ani aangoorra jiru Uummannikoo sarbameera, mirgi uummatakoo hin eeggamne, kanaafuu ammaan achi aangoo kanarra turuu hin barbaadu jechuudhaan dubbatee ture. Akkuma jedhe angoo isaas gadi lakkise. Yeroos namni hunduu kallattii hundaan murtee isaa dinqisiifatan. ADWUI jidduutti babbaqaqiinsi hamaan akka uumames himame. Namni murtee isaa sana ija shakkiitiin ilaale jiraachuusaa yaadachuun waan nama rakkisus natti fakkaata. Haa ta’u malee walgahii koree hoji raawwachiistuu ADWUI booda eddoo isaatti deebi’uuf murteessuunsaa namoota hedduu naasisee ture. Osoo gootummaadhaan faarfamee afaan uummataatii hin bu’in saba gane. Hundumtuu eddoo jiruu abaarsa itti roobse. Innis ta’u murtee isaa sanaaf sababa tokkos hin dhiyeessine. Waan hunda caalammoo Afa – Yaa’ummaasaatti deebi’ee labsii guutumaan guututti uummata Oromoo fixuu irratti bu’uureffate raggaasisuu keessatti carraaqqii ol’aanaa godhuunsaa uummata guutuu naasise.  Labsii bu’uura seerummaa hin qabneefii deeggarsa barbadamu hin argatin dharaan dabruusaa labse. Seenaa Uummata Oromoofi qabsoo Oromoo keessatti gulantaa gantummaaf bullukkoo salphinaa uffatee diinatti gale.

Walgahiiraa Hafiinsa Dr. Abiy Ahmad

DHDUO Dr.Abiy Ahmad dura taa’aa dhaabaa godhee filachuunsaa ni yaadatama. Kaayyoon ol’aanaan Obboo Lammaa Magarsaa aangorraa bu’ee Dr. Abiyyitti amaanaa kenneef inni miseensa mana maree biyyattii waan taheefii barcuma muummicha ministeerummaa biyyatti sabni keenya akka gonfatuuf ture. Haa ta’u malee filmaata kanarratti qaamotni garagaraa yaada garagaraa dhiyeessaa turaniiru. Akkuma kanneen Lammaafi Abiy ija tokkoon ilaalanii deeggarsa isaanii kennaniif jiran hayyootni murteen kuni murtee dogongoraa akka ta’e irra deddeebi’anii dubbataniis danuudha. Inumayyuu dhimmi kuni uummata keenya jidduutti garaagarummaan yaadaa akak uumamuuf qaawwa banee akka tures ni yaadatama. Kanarraan dabree qaamoleen wayyaanees ta’ee kanneen biroos Dr.Abiy irratti kaleessaa kaasee hamma har’aatiis duula ol’aanaa gaggeessaa jiru.

Walgahii manni maree bakka bu’ootaa dhimma LYM irratti gaggeesserratti Dr.Abiy hin argamne. Hafiinsa isaa kanaan walqabatee qaamonni garagaraa yaada garagaraa kaasaniiru. Wayyaanonniifi deeggartoonni isaanii Dr.Abiy hafuun isaa Labsicha waan hin deeggarreef hafe kanaafuu namni labsii nagaa biyyaa tasgabbeessu dhiisee hafe dorgommii muummicha ministeerummaa irraa fedhii ofiitiin bahuu qaba jedhaa jiru. Uummanni Oromoo gama isaatiin Dr.Abiy akka hoggansa jijjiiramaa dhaabaatti labsii kana gadi bayee mormuu dhabuun isaa murtee dogongoraa ol’aanaa tahuu isaa ibsaa jiru. Murteen isaas gamanumaa uummata ganuu isaa kan mul’isu tahuu isaafi egereefis isa abdachuuf akka rakkisu dubbataa jiru. Osoo inni akka hoggansa dhaabaatti walgahicharratti hirmaatee labsicha mormee miseensonni mana maree kanneen Oromoo ta’an hundi isaanituu isa faana bu’anii labsicha ni mormu turan kan jedhanis hedduudha. Abiy sababa maaliif? akkamitti hafuu akka danda’e wanti ammatti ifa ta’e hin jiru.

Sagalee Mormii 88

Akkuma ifaan ifatti dhageenyetti miseensota mana maree bakka bu’oota uummataa keessaa lammiileen keenya 88 labsicha ifaan ifatti mormaniiru. Kanneen sagaleedhaan labsicha balaaleffatanis mul’ataniiru. Namoonni kunneen seenaa paarlaamaa sana jijjiiruu irras dabranii kanneen aantummaa haqaa yeroo murteessaa ta’etti uummata isaaniitti agarsiisaniidha.  Kuni waan seenaa sirnichaa keessatti tahee hin beeknedha. Qabsoon keenyas hamamm moonaa isaanii cabsee akka addaan isaan facaase kan mul’isuudha. Namoonni 88n kunneen dorsisni alagaafii aangawootaa kan isaan hin jilbiifachiisiniidha. Uummanni Oromoos yoomuu kabajaaf ulfina akka isaaniif qabu waan shakkamuu miti.

Dhiibbaa Biyyoota Alaa

Kufaatiin sirna wayyaanee dhugoomarraa akka hin hafne ragaawwan mul’isan keessaa inni tokko ilaalcha biyyootni garagaraa mootummicha irratti qabaniidha. Kanneen keessaa michuu sirnichaa kan taate Ameerikaan erga yeroo dheeraadhaaf karkarsitee booda amma murteerra waan geesse fakkaatti. Keessattuu labsii yeroo muddamaa isa ammaa kana sirriitti mormuurras dabratee aangawoota dhimmaa haajaa alaa gara Itiyoophiyaatti erguuf akka jirtu dhagahameera. Seerri deeggarsa mootummaan Ameerikaa Itiyoophiyaadhaaf gootu dhaabsisus mana maree bakka bu’oota Ameerikaatti dhiheenya kana ni ragga’a jedhamee eegamaa jira. Gamtaan Awrooppaas gama isaatiin labsichatti ejjannoo cimaa kan agarsiise yommuu ta’u miseensi mana maree gamtaa Awrooppaa Aaddee Aanaa Goomeez Gamtaan Awrooppaa mootummaa Itiyoophiyaa akka daa’imaa sossobuu isaa dhiisuu qaba jetteerti.

Walumaagalatti haala siyaasa biyyattii gadi qabnee yoo ilaalle sirni mootummaa Itiyoophiyaa wayyaanotaan durfamu moo’atama hamaa isarra gahe dandamachuuf yaalii ijibbaataa godhuudhaaf waan wixxifachaa jiru fakkaata. Sirnicha yaaliin isaa kuni garuu ija seeraatiifi gama michoota isaatiin harkatti waan danqamaa jirus fakkaata. Aangawoonni biyyattii seeraaf heeraaf bitamanii gorsa michoota isaanii dhageeffatanii labsicha haquudhaan, marii siyaasaa qaamota siyaasaa biyya keessaafi alaa waliin gadi taa’anii hin mari’atan taanaan kufaatii ofii saffisiisuudhaan ala faaydaan isaan argatan tokkos hin jiru. Har’a akka kaleessaa caasaan hamma gandaaf gooxii ijaaratanii uummata ittiin doorsisan, kan ganda keessa deemanii ittiin too’atan hin jiru. Sabni hirriba keessa jirus hamma bilisummaan haqaa dhuftutti deebi’ee ija libsachuu dhabuudhaaf waadaa seenee diina isaa qolachuuf yeroo kamiyyuu caalaa onneef murannoo guutuu qaba. Bilchinaaf cimina agarsiiseeniis qabsoo isaa sadarkaa ofduuba hin deebinerra geessee jira. Goototaaf hoggantoota qaqqaalii sirnichi hidhaadhaan dararaa ture of keessatti deebisanii jiru. Dinagdee biyyattii laamshessuudhaan sirnicha taphaan ala godhaa jiru. Borus injifannoowwan kanaa olii akka galmeessisan shakkiin tokkos hin jiru.

Sabni haqaan haqaaf falmate injifataadha.

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s